lundi 6 août 2012

Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa bakka jirtan hundatti qilleensa irraa isin haa qaqqabu kabajamtoota jaallatamtoota sabboontota ilmaan oromoo hunda keessan bakka jirtanitti nagaa koo ergan isin gaafadhee booddee nagaa koo gabaabduu kanatti aansee waantin jechuu barbaadu yoo jiraate asiin gaditti dhaammachuun barbaada.

Dhimmi isaas gara marsariitii dambalii warraaksaa kanatti baga nagaan dhuftan jechuudhaan hirmaannaan keessan cimee itti haa fufu jechuun barbaada.nuuf barreessaa nu faanas hirmaadhaa yaadni keessan nu jajjabeessa waan ta'eef humna tokko taanee waliin haa hojjannu.tokkummaan humna.ammaan duras sababni biyya keenya irratti ammaa biyyummaa ta'uu nu dhoowwee biyyuma keenya irratti lammii lammaffaa taanee akka jiraannu kan nu godhe oromoon qabeenya dhabee akkasumas beekumsa dhabee otuu hin taane sababa tokkummaa dhabuu qofaan waggoota dheeraa lakkoofsi isaa kana jedhamee hin beekamne hunda biyyuma keenya irratti lammii lammaffaa taanee jiraachaa turre.ammas jiraachaa jirra.egaa amma yoomitti lammii lammaffaa taanee jiraachuu dandeenyaa?har"as akkuma kaleessaa tokkummaa hin qabnu yoo ta'eef lammii lammaffaa ta'uun keenya kan raawwatu natti hin fakkaatu.waan nama dhubu keessaa lammii lammaffaas taanee jiraachuu hin dandeenye.mirga abbaa biyyummaa keenyaas sarbamnee lammii lammaffaas taanee mirga uumamaas dhabnee biyyumma irratti gabroomne sana irratti jiraachun rakkisaa waan ta'eef biyya irraa mancahuudhaan biyyota namaa keessa jiraachaa jirra.haalli jireenya biyya ormaa baqattumman jiruu jireenyaa kan hin ta'in akkasumatti otuu biyya qabeenyan beekamte qabnuu biyya namaa keessatti kadhattuu fakkachuudhaan jiraachuun erga nu jalqabee yoo bubbulellee waggoota 20n darban keessatti garuu haalli baqattummaa ilmaan oromoo akka malee jajjabaachaa kan dhufe waan ta'eef lakkoofsi baqattoota oromoo yeroo ammaa kana jedhamee kan hin beekamnellee yoo ta'e biyyota ollaa ethiopia fii biyyota guddatan keessatti oromootni baqattummaa irratti argaman akka beektotni tokko tokko himanitti gara miliyona 1.3 akka ta'es ni dubbatama.

Egaa yaada kana kaasuun dirqama kan natti ta'e lakkoofs baqattoota oromoo biyyaa bahanii himuu otuu hin taane:-rakkoon baqattummaa fii biyya irraa mancahuu fide maalidha gaafii jedhu kaasee ilmaan oromoo wajjin mari'achuun dirqama seenaa ta'ee waan natti mul'ateef jecha yaada kana gara keessan dhiyeesseera.maddi rakkoo kanaa keessumatti biyyuma ofii irratti lammii lammaffaa ta'uu fii biyya irratti lammii lammaffaadhuma sanayyuu taanee jiraachuu dadhabuun maal irraa madde?gaafiin kun sammuu koo keessa bubbulee jira.marsariitii addaa addaa irrattis barreessaan ture haata'u garuu amma yoonatti deebiin argatame kan deebii sirrii ta'e tokkollee hin argine.

Mee egaa yaada qabdan nuuf barreessaa website ykn marsaa barreeffama kanaa jalatti bakki yaada itti waliif barreessan kan jiru waan ta'eef nuuf barreessaa.yaada qabdaniin nu cinaa dhaabbadhaa jechuudhaan yaada keenya gara keessa dhiyeeffachuun dirqama lammummaa nutti ta'ee waan tureef isinis yaada qabdan irraa otuu of hin qusanne nuuf barreessaa.
                                                                                   Itti fufa

Aucun commentaire:

Enregistrer un commentaire