vendredi 24 août 2012

Warra Suuraa namaatin nama gowwoomsaa jiru irraa of eegaa

Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa bakka jirtan maratti qilleensa irraan isin haa qaqqabu kabajamtoota jaallatamtoota sabboontota ilmaan oromoo hunda keessan akkam jirtu ergan jedhee nagaa koo isinitti dhaammadhee booddee waantin jechuu barbaadu akka asiin gaditti argamu ta'a.

Sunis namootni baayyeen maqaa namaa fii suuraa namaatin yakka adda addaa hojjachaa kan jiran yommuu ta'u namni maqaan isaa Abbaabiyyaa Abbaagadaa jedhamu suuraalee kiilolee birraa fii suuraa jaal Hiwoti margaa profile picture isaa godhachuudhaan yakka adda addaa hojjachaa jiraachuun isaa itti qaqqabamee jira.Abbaabiyyaa abbaagdaa kan jedhamu kun basaasa wayyaanee fii hojjataa radiyoo faanaa ta'uun isaa itti qaqqabamee waan jiruuf odeeffannoo dambalii warraaksaa kan biyya keessa maadhefate irraa odeeffannoo qulqullaawaa ta'e argannee jirra.

Jaal kiilolee birraa fakkaatee sabboontota oromoo irraa odeeffannoolee addaa addaa guurrachuuf kan xiyyeeffatee hojjachuu barbaadu akkasumatti kiiloleen biyya keessatti sabboontota oromoo baay'ee wajjin hariroo cimoo waan qabuuf akkasumatti jaal hiwot margaas bifuma kanaan hojiin isaanii hojii bilisummaa sabaa irratti cichaan kan hojjatan yommuu ta'u sabboontota oromoo kana suuraa jaallewwan kanaatin gowwoomsee odeeffannoo irraa guurratee ilmaan oromoo irratti shira hojjachuuf itti yaadee kan hojjachaa jiru ta'uus sabboontotni oromoo warri dambalii warraaksaa wajjin hariiroo qaban odeeffannoo kana battalumatti otuu inni hin beekin akka hirmaattotni kun isa wajjin yaada tokkollee wal hin dabarfanne gochuu irratti gahee guddaa akka hojjatan gabaafamee jira.

mardi 21 août 2012

Kan waraanna fii barana jedhan hin oolu!

Duraan dursee nagaa dhaammachuun barbaada.itti aansees waan jiru tokkollee tarreessus fedhiin qaba garuu kan tarreeffamee dhumus hin fakkaatu.mee waan hundaafuu amma danda'ametti waanan tarreessuuf yaale itti haa fufu.

mallasaa zeenawwii(Laggasaa zenawwii) waan waggaa 1000 jiraatu itti fakkaatee ummata oromoo irratti shira daangaa hin qabne raawwachaa akka ture oromoota hunda biratti kan beekamu yommuu ta'u lammii oromoo ta'ee yeroo ammaa kana kan godaannisa mallesaa of irraa hin qabne hin jiru.oromoota hidhee ajjeese,ari'ees biyyaa baase.yeroo waan kana guutuu hojjachaa turtetti waan duutu isheetti hin fakkaanne.amma kunoo biyyee haadhashee nyaattee fincaan haadha ishee dhugdee jirti.waaqayyoon galatni guddaan haa gahu itti aansee nama tokkotu ture biyya alaa jiraata.anatu bilbilee yeroon du'a mallasaa itti himu akka malee booyee cal jechuu dide.amma gaafa inni booyee cal jechuu didu mallasaa wajjin kan firummaa dhoksaa qaban natti fakkaate.haata'u garuu erga booyee fixatee booddee naaf bilbile.sana booddee waan akkas isa boochise sirritti irra deddeebi'ee gaafannaan naaf mirkaneessuu dide booddee garuu gadda isaa sirritti addaan baasee naaf hime.innis maal isinitti fakkaate:-mallasaan du'uun kan isarra ture harka oromootti malee rabbi ajjeesun irra hin turre jechuudhaan gadda isaa naaf mirkanneesse.akkamitti oromoon otuu hin ajjeesin rabbi itti jarjaree namticha kana ajjeesse kan jedhu natti hime.anis yeroo duraatif nama kana itti haareen ture booddee garuu jechi isaa dhugaa ta'uu isaan hubadhe.akkamitti otuu oromoon namticha kana hin ajjeesin rabbiin nudura isa ajjeesa kan jedhu gaddi koo akka malee natti ta'ee jira jechuudhaan naaf mirkanneesse.mee isin hoo yaada kana irratti waan yaaddan nuuf barreessaa.jechi kun ammam akka nama gammachiisu hubachun kan nuuf barreessan namoota hedduu turan.otuu rabbi hin ajjeesin dura oromoon ajjeesutu irra ture kan jedhu kun sirri ture egaa maalumaafuu namitti barbadooftee jirti.kunis haqa oromoota hundaati jechuudhaan yaada koo kanan ammaaf qopheesse asuma irratti raawwadha

samedi 18 août 2012

Baga Jala bultii Iidaatin isin gahe

Baga jala bultii iida soommanaatin isin gahe hordoftoota amantii islamaa hundaaf hawwiin koo gammachuu iidaa yommuu ta'u kan baranaa kan bara hedduu isiniif haa ta'u jechaa amma irra deebi'ee baga ittiin isin gahen jedha.

vendredi 10 août 2012

Eenyu Isheen Daandaa Oromoo Lixxuu?

Eenyu isheen daangaa oromoo lixxuu irra ejjattee morma ishee hin kuttuu kan jedhee wallise eebbisaa addunyaa ilmaan tigraay warra gara oromiyaatti baqatteen wareegame.warri tigraayi yaate gooftaa nurratti taatee mirga keenya sarbitee ofiif abbaa biyyaa taate.warra mirga isaa falmu goolii huumtota jedhu ammayyuu isaan hin geenye nurra bubbuluu fedhu.egaa eebbisaan akka waan alaa dhufee lammii lammaffaa godhanii biyyuma isaa irratti baqattotni tigraay lubbuu eebbisaa galaafatan.Eebbisaan mirga abbaa biyyummaa isaa falmate malee yakka tokkollee hin qabu ture.yaa rabbi tokkocha!mee gumaa eebbisaa eenyumatu baasa laata?sirboota eebbisaa keessaa amma yoonatti kan sammuu dhalataa oromoo keessaa baduu dide yeroo hunda kan yaadannoo ta'ee argamu duuti eebbisaa amma yoonatti kan dhugaa hin fakkaatne keessaa geerarsa isaa keessatti**Yaa bunaa hin daraarinii amman harree bitutti yaa du'aa nan waaminii yaa biyyee nan nyaatinii amman bilisummaa ija kiyyaan argutti** kan jedhee geerare amma yoonatti sammuu ilmaan oromoo keessaa kan hin haqamne ta'ee argama

jeudi 9 août 2012

Somaliland fii Baqattoota Oromoo

Somaliland biyyi jedhamtu ollaa biyya ethiopiatti kan argamtu yeroo ta'u ilaalchi isheen ilmaan oromootif qabdu kan akka malee nama gaddisiisudha.biyyi somaliland jedhamtu kun jarraa 8ffaa keessa biyya oromoo akka turtee fii lammii oromoo akka achi qubachaa jiran kan ibsu seenan isaan barreessan akkasumatti namni tokko kan baqattummaan biyya sana keessa ture ajajaa 100 hirphaa qanahaa kan jedhamu seenaa kana hunda isaa barreessee jira.egaa biyyi kun biyya oromoo wajjin kan wal daangessitu yommuu ta'u galii guddaa isheen argattu biyya oromoo irraa yommuu ta'u kan isheen fira godhattee wajjin ilmaan oromoo irratti duulaa jirtu garuu warra habashaati.biyya habashaa keessaa daldallis ta'ee waan tokkollee kan biyya isheetti gurguramu tokkollee hin jiru.garuu qabeenya isaan yeroo ammaa qaban keessaa daldalli isaanii dhibba irraa 97 biyya oromiyaa irraa argatu.biyyittii keessatti hoji dhabeeyyin hundi kan itti jiraatan jimaa oromiyaa irraa gara biyya isaanii deemu daldaluudhaan jiraatu.kana duwwaas miti kuduraa fii muduraan hundi naannoo oromiyaa irraa seenaf malee tigraay ykn gondar irraa kan isaan daldalaaf argatan haa xiqqattuu tokkollee hin jiru.

Biyyi somalilan jedhamtu bara 1991 akka lakkoofsa warra faranjiitti biyya somalia irraa kan citte yommuu ta'u sana dura garuu kutaa kaaba dhiya somaliyaa jedhamtee beekamti.lammii biyya kana keessa qubattus somalee taatee lammii isaaq jedhamee beekama.akka seenan ragaa bahutti lammii isaaq kun maddi isaanii oromoo irraa argaman kan jedhamus ni jira.kana malees abbaan isaanii sheekh isaaq kan jedhamu biyya arabaa irraa kan dhufe yommuu ta'u yeroo garba diimaa qaxxaamuree gara biyya somalii seene biyya sana keessa qubatee kan jiru oromoo waan ta'eef intala oromoo tokko kan maqaan ishee magaadoo jedhamtu fuudhe jedhama.egaa anis akka nama tokkootti seenaa kana gaafan qorachuu jalqabee fii barreeffama tokko waa'ee east african government jedhamu tokko irraa barreeffama addaa addaa tokko argadheen ture.barri isaas tureera.bara 2001 keessa ture barreeffamni kun kan argame ykn kan nabira gahe.egaa kanumaan wal qabatee sheekh isaaq kun gaafa biyya arabaa irraa gara biyya somalee seenu kitaabaa fii sijaajaa irratti salatu malee waan tokkollee arkaa hin qabu kan jedhu seenaan dhugaa kun erga somalee seenee booda akkuaman asiin olitti tuqeen intala magadoo wacaalee jedhamtu lammiin ishee oromoo kan ta'e fuudhee ilmaan inni wajjin hore yeroo ammaa kana ilmaan isaaq 8 jedhamanii beekamu.saddettan ilmaan isaaq kana keessaa 4 atii isaanii oromoodha jedhama 4 kan biraa ammoo haati isaanii habashaadhaa jedhama.sunis akka seenaa kana keessatti barreeffameen garuu maqaan jaartii sheekh isaaq ishee lammaffaa habuushoo jedhama jedha.haata'u garuu habuushoo kan jedhamtu kunis habashaa otuu hin taane dhalootan warra walloo waan taatef gara habashatti moggaafamte malee lammiin ishee oromoodha jechuun gabaafamee jira.

Haaluma kanaan wal qabatee beektotni biyya sanii kitaaba isaan barreessan barreessaan lammii isaaq ta'e tokko namni maqaan isaa mohamed hadaraawwii jedhamu biyyittii keessatti barreessaa beekamaa ta'ee kan beekamu waa'ee kana irratti kitaaba tokko maxxansee jira.haata'u garuu lammiin isaaq kun seenaa kana hin fudhatan.nuti araba irraa dhufne jedhu malee haati keenya oromoodha hin jedhan.erga araba ta'anii maalif addaachuu didan akka warra arabaatti? araba keessaayyuu Iraaq irraa dhufne kan jedhu ture.egaa anillee seenaa isaanii barreessuuf kanan yaalii gochaa jiru otuu hin taane yakka isaan yeroo irraa yerootti ilmaan oromoo gara biyya isaanitti baqatan irratti hojii akkaan gaddisiisaa ta'e hojjachaa jiraachuun isaanii amma danda'ametti waan isaan oromoota biyya sana jiran irratti hojjachaa turanii fii kan ammas hojjachaa jiran hunda seenaa kana keessatti tartiiban barreessuuf yaalii guddaa gochaan jira.

Somaliland magalaan isaanii guddittiin Hargeessaa jedhamtee beekamti.hargeessaa jechuun afaan oromootti waan akka malee hadhaawu tokkotu hargeessa jedhama.keessattu gara baha oromiyaa keessatti mukti hargeessaa jedhamu sirritti beekama.
biyya sana keessa oromootni gaafa turan muka kana hargeessa jedhanii waan waamaniif isaanillee seenaa sana jala qoratanii magalaa kana hargeessaa itti moggaasan.biyya sana keessa mukti hargeessaa jedhamu akka malee baay'ata kan jedhu seenaan kun magaalaa fii baadiyyaa biyyittii keessatti akka malee baay'inaan argaamuu isaas gabaasee jira.magalaan hargeessaa daangaa biyya ethiopia irraa kilometira 87 irratti gara bahatti argamti.biyyi somaliland fii biyyi ethiopia kan itti wal daangessan magalaa wacalee jedhamtu yommuu ta'u magaalan kun garri tokko wacaalee ethiopia yommuu ta'u gara bahatti garuu wacalee somaliland taatee beekamti.magaalan kun biyyota lamaanifuu jiddu galeessa daldalaati.

Akkuma beekamutti biyyi somaliland kun bara 1991 dura qaama biyya somaaliyaa kan turte yommuu taatu adda bilisabaasaa somalee dhaabbattee biyya isaanii akka walaboosan godhanii jiru.egaa as gubbaatti waanti ani jechuu barbaade maalidha yeroo addi bilisabaasaa somaleland qabsoo jalqabu biyya oromiyaa keessatti gargaarsi guddaa godhamaafii kan ture yommuu ta'u waranaa isaanis biyya oromiyaa keessatti naannoo baabbileetti leenjifachaa yeroo turan keessatti ummatni oromoo gargaarsa guddaadhan bira dhaabbachaa turan.warranni bilisabaasaa yeroo sannii kan somalee land S.N.M. jedhamee kan beekamu yommuu ta'u adda bilisabaasaa somalee ykn Somali National Mouvment kan jedhamu qabsoo kan jalqabe biyya keenya keessatti ture.gargaarsi gurguddaan godhamaafii tures ummatuma oromoo biraa ture.yeroo sana keessatti mootummaa somaliyaa mohammad ziyaad barree kan jedhamu biyya somaliyaa guddoof mootummaa kan ture yommuu ta'u bara 1991 akka lakkoofsa warra aditti biyya somaliland kana keessaa cabee akka bahu ta'e.sana boodas qabsoon itti fufee biyya isaanii erga walaboomsatanii booddee karaa seeratiin mootummaa filachuu kan jalqaban baruma sana keessa kan ture yommuu ta'u somalilandif mootummaan inni duraa Abduramaan Tuur jedhama.inni itti gaafatamaa warana bilisabaasaa somalee kan somali national movment kan ture yommuu ta'u biyya erga walaboomsanii booda garuu aangoo isaa dabarsee ummata biyya isaatti erga kennee booddee ture rakkoon ilmaan oromoo biyya sana keessa jiran irratti raawwachuu kan jalqabe.

Yeroo Abduramaan tuir mootummaa ture keessatti oromootni biyya sana keessa jiraatan kabajaa guddaa kan qaban yommuu ta'u erga inni aangoo irraa bu'ee booddee amma ammaa kanatti mootummoota 3 filatame.isaanis:-
                                     1-mohammad haaji ibrahim iigaal
                                     2-xaayir riyaalee kaahin
                                     3-mahammad mahaammuud siraanyoo kan jedhamu kan yeroo ammaa kana biyya bulchaa jiru yommuu ta'u mohammad ibraahim iigaal irraa kan jalqabe fii akka malee jibbisiisaa kan ture rakkoon ilmaan oromoo irra gahaa turee fii kan ammas irra gahaa jiru bara ziyaad barreen kufe dargiinis waan kufeef warranni dargii warri naannoo daangaa somaliyaa irra turan baqatanii achumaan biyya sana kan seenan yommuu ta'u biyya sana keessatti oromootaa fii habashoota baay'eetu argama ture.yeroo waranni adda bilisabaasaa somalee biyya isaa walaboomse sanatti addi bilisummaa oromoo biyya sana keessa waan tureef isaan gargaaree mootummaa ziyaad barree irratti duulaa ture.sun hundi gaafa raawwate garuu biyya somaliland keessatti afaan oromoo dubbachuun baay'ee danqaa kan turee fii afaan oromo kan magalaa keessatti dubbatus dhagaadhan reebanii ajjeesaa akka turan maddeen tokko tokko gabaasanii jiru.

Haaluma kanaan wal qabatee yeroo mootummaan mohammad haaji ibraahim iigaal aangoo qabate keessatti rakkooleen kun uumaman jedhama akka fakkeenyaatti kanan kaasuu barbaadu bara 2002 oromoon nama nyaatte jedhanii oromoota meeqaatam qabanii hidhaa akka turanii fii mootummaa wayyaneef deebisanii kennaa akka turanis kan dagatamu miti.
oromoon nama nyaate jechuudhaan gaazexaa maqaan isaa jamuuriyaa jedhamu kan biyya sanatti guyyaa hunda maxxanfamu dhaabbata dhuunfaa kan ta'e tokko irratti akkasumas gaazexaa mootummaa kan maqaan isaa haatuf jedhamus yaada sobaa kana oromoon nama nyaate jedhanii maxxansaa kan turan barreeffamni sun amma yeroo ammaa kanaatti arka kiyya keessatti argama.anillee afaan somaalee yoon hin beekne warri afaan somaalee beekan gaazexaa kana dubbisuudhan yaada isaa guututti kan nuuf mirkaneessan waan ta'eef shirri somaleen oromoo irratti hojjachaa turte kana duwwaas otuu hin taane baroota 19mman keessa afaan oromoo biyya sana keessatti gonkumayyuu hin dhagahamu ture kan jedhan namootni tokko tokko erga waajjirri adda bilisummaa oromoo biyya sana keessaa ka'ee booddee rakkoo gurguddaa amma kana jedhamee hin beekamne ilmaan oromoo irraan gahaa turuu isaanii galmee seenaa irratti gabaafamee jira.

Mootummaan mohammad ibraahim iigaal du'aan erga aangoo irraa bu'ee booddee xaahir riyaalee kaahin nama jedhamutu aangoo qabate.inni kun ammoo kan caalu ta'e yeroo yerootti oromoota funaanee mootummaa wayyaneetti kennaa ture.sana malees sabboontota oromoo warra diddaa gabrummaa baqatanii biyya sana keessa dhokatanii jiraachaa turan kan mootummaan wayyaanee barbaaddu hunda qabee akka inni mootummaatti laachaa ture akkasumatti namoota qaman kanaf arshii,jimaa fii buna akkasumas waan adda addaa mootummaa wayyaanee irraa fudhachaa turan.sabboontota oromoo warra biyya sana keessaa qabamanii amma yeroo ammaa kanatti mana hidhaa keessa jiran maqaa isaanii nan tarreessa ture.
haata'u garuu haalli tokko tokko mijjaawaa waan hin taanef jecha maqaa isaanii tarreessuun barbaachisaa waan hin taanef akkasumatti seenaf laadhee bira darbuun barbaada.

Embassy kan ofiin jettu tokko biyya sana keessatti kan maadheffattee ilmaanuma oromoo daldaluuf magalaa hargeessaa jiddu gala godhachuudhaan achi hojjataa turan keessaa maqaa isaanii  1-kolonel bayyanaa lammiin kambataa
                                       2-Ataakilt lammiin isaa wayyaanee
                                       3-Abdataa lammiin isaa oromoo
                                       4-Gabratsadiq   wayyaanee
                                       5-Zahra lammiin ishee somale ethiopia kan taatee fii afaan oromoo fii afaan habashaa kan dubbattu biyya sana keessatti tika nageenyaa ykn security force warra turan yommuu ta'an warri biraanis akka jiran beekamaadha.
gareelee maqaa isaanii asiin olitti barreessee keessaa gaafaa magalaa hargeessatti al-shabab boonbii waajjiroota sadi gubbatti dhoosan sana atakilt kan jedhamu aleellamee jira.tarkaanfii al-shabaab biyya sana keessatti fudhatte waajjiroota sadi irratti kan xiyyeeffate ture.waajjirri sadeen
                          1-Embassy ethiopia namoota 24tu keessatti du'e
                          2-waldaa gargaarsa biyya alaa kan mootummaa addunyaa U.N.D.P. United nation development programme fii mana mootummaa irratti xiyyeeffatanii wareegamanii wareeguu irratti geggeessanii yoo turanille akka barbaadanitti hin milkoofne ture.warri somaliyaa waanti isaan tarkaanfii kana fudhataniif yeroo sana keessatti warranni ethiopia biyya somaliyaa keessatti namoota nagaa waan fixaa tureef haaloo sana bahuuf waajjira embassy irratti akka geggeessa hundis hubatamee mirkanaawee jira.                   
  

Suulaalee